Fana: At a Speed of Life!

Paartichi yaadota biyyaalessaa haaraa Ityoophiyaa madaalan hojiirra oolchuu kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa  yaadota biyyaalessaa haaraa Ityoophiyaa madaalan hojiirra oolchuu kan itti fufu ta’uu Miseensonni Koree Hojii Raawwachiistuu Paartichaa ibsaniiru.

Waggoottan 4 dura biyyattiitti cabiinsi diinagdee fi haqa maleessummaan dagaaguu, sarbamni mirgoota diimokiraasii fi namoomaa hammaachuu fi sirni muraasni gareen gurmaa’uun itti bookkisan; sirni ABUT qabsoo uummataan jijjiiramuu eeraniiru.

Miseensota Koree Hojii Raawwachiistuu paartichaa kan ta’an Dooktar Alamuu Simee, Obbo Ristuu Yirdaa, Aadde Caaltuu Saanii fi Dooktar Sammaa Xurunaan, jijjiirama qabsoo hadhaawaa uummataatiin dhufe qolachuuf barii jijjiiramichaarraa eegalee qabsoo obsa fixachiisaan taasifamaa turuu yaadachiisaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT seenessa jal’aan qoodiinsaa fi wal shakkii hammeessaa, duudhaalee hawaasummaa diigaa, walitti bu’iinsa sabaa fi amantaan uummata jeequu xumurarratti ifatti waraana labsuun  biyya diiguurratti halkanii fi guyyaa hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Jijjiiramni biyyaalessaa rakkoolee namtolchee keessaa fi alaan cinaatti weerara vaayrasii koroonaan,weerara hawaannisaan, rakkoolee uumamaa lolaa fi hongeen daran qoramuu eeraniiru.

Jijjiiramichaan warreen hidhaman akka hiikaman, kanneen godaanan gara biyyaa akka deebi’an, miidiyaaleen cufaman akka banaman, dhaabbileen diimokiraasii akka ijaaramanii fi seeronni rakkisoon akka fooyya’an taasisuun bu’uurri diimokiraasii kaa’amuu miseensonni kunneen dubbataniiru.

Jijjiiramaan booda sirni mootummaa hundi keessatti hirmatu hundeeffamuu kaasaniiru.

Sababoota jijjiiramichaa kan ta’an cabiinsa biyyaalessaa, siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa suphuun kaayyoon ijoo Ityoophiyaa gara badhaadhinaatti geessuu jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru.

Paartichi dogoggoroota darban sirreessuun, wantoota gaggaarii guddisuun badhaadhina Ityoophiyaa fakkaatu mirkaneessuu fi diimokiraasii dhugaa dhaabuuf hundaa’uu addeessaniiru.

Yaa’iin 1ffaa dhaabbatummaa paartichaa fudhatamummaa kan qabu, uummata hunda kan bakka bu’e, paartii qindaa’aa fi cimaa ta’uusaa kan agarsiisedha jedhan.

Tibbana godina Wallagga Lixaatti uummata nagaa kan ajjeese garee shororkeessaa Shaneerratti mootummaan tarkaanfii cimaa fudhachaa jiraachuu kaasaniiru.

Paartichi fuula durattis nageenya uummataa eegsisuu, malaammaltummaarratti qabsaa’uu fi foyya’iinsa tajaajilaarratti xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.