Fana: At a Speed of Life!

Paartiileen Siyaasaa dhimmoota biyyaalessarratti mari’ataa jiru

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Paartiileen Siyaasaa Ityoophiyaa keessa sosocho’an dhimmoota biyyaalessarratti galma walga’ii gamtaa Afrikaatti mari’ataa jiraachuu ibsame.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad marii kanarratti aragaminiiru.
 
Paartiileen kunneen heera mootummaa, rakkoolee gurmaa’ina siyaasa Ityoophiyaa, Filannoo demookraatawaa fi ajandaalee biyyaalessaa garaagaraarratti marii taasisaa jiraachuu ibsameera.
 
Hanga ammaatti barreeffamni qorannoo heera mootummaa fi rakkoolee caaseeffama siyaasa Ityoophiyaa jedhu mariif dhiyaateera.
Ajandaaleen hafanis barreeffamni qorannoo mariif ka’umsa ta’u dhiyaachuun mariin ni gaggeeffama jedhameera.
 
Marii paartilee siyaasaa waliin har’a itti fufuusaan gaggeeffametti gammadeera jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Mareewwan kunneen paartileen siyaasaa walittidhiyeenyaan akka hojjetan, dhimmoota ka’aniif furmaata waloo akka tolfatan, akkasumas muul’ata guddinaa fi badhaadhinaa waloo biyyaa fi uummataaf fayyadu qophheessuuf ba’aa olaanaa qabaachuu Fuula Feesbuuki isaaniin ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.