Fana: At a Speed of Life!

Paartileen morkattootaa sagantaa isaanii karaa nagaan dhiyeeffachuu ni danda’u – obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Jijjiiramaan booddee dhabbilee haqaa, ijaarsa demokiraasii fi qabiinsa mirga namoomaa irratti hojiin gaariin hojjetamuus, hojiiwwan fooyya’uu qaban akka jiran Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad himaniiru.
Obbo Musxafee Mahaammad akka ibsanitti naannichatti damee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa hojiiwwan hojjetaman raawwatamuu ibsaniiru.
Naannichaatti gaggeessitoonni jijjiiramaa yaadoota lammiilee bilisummaan waan dhaggeeffataniif kun jalqabbii gaaridha jedhaniiru.
Ummanni waan isaanitti dhagga’ame karaa qaroomeen mootummaa gaafachuun aadaa demokiraasii gabbisuu akka qaban eeraniiru.
Sochiin filannoo fi paartilee siyaasaa yoo ibsan waggoota darbanirra dirreen siyaasaa bal’achuu ibsaniiru.
Paartileen morkaattoota hundi sagantaa isaanii karaa nagaan dhiyeeffachuu ni danda’u jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.