Fana: At a Speed of Life!

Paartileen Siyaasaa yeroon galmee kaadhimamtootaa akka dheeratu gaafatan

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Paartileen Siyaasaa yeroon galmee kaadhimamtootaa akka dheeratu Boordii Filannoo Biyyaalessaa gaafataniiru.
Boordiin Filannoo biyyaalessaas yeroon galmee kaadhimamtootaa kan hin dheerrannee ta’uu f paartileen Siyaasaa yeroo qabanutti sirnaan akka fayyadaman hubachiiseera.
Boordichi Filannoo biyyaalessaa filannoo marsaa 6ffaa barana gaggeeffamuuf yeroon galmee kaadhimamtootaa Gurraandhala 8- 21,2013 akka ta’u gabatee yeroo kaa’us sababoota garaagaraan hanga Gurraandhala 25, 2013 akka dheeratu taasiisuun ni yaadatama.
Galmeen kaadhimamtootaa kutaalee biyyatti tokko tokko keessatti sababoota garaagaraan kan hin eegalamne ta’uu Paartileen Siyaasaa ibsaniiru.
Sababa kanaan yeroon galmee kun haalli jiru ilaallame akka dheeratu gaafataniiru.
Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa Burtukaan Miidhagsaan gama isaaniin kutaalee biyyattii hedduun keessati galmeen kaadhimamtootaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Boordichi naannoleen galmee kaadhimamtootaa hin eegalle saffisaan akka eegalan ni taasiisa jedhan.
Paartileen Siyaasaa kaadhimamtoota isaanii galmeeffachuuf yeroo kaa’ameetti sirnaa akka fayyadaman hubachiisaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.