Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Maakiroon Fiinlaandii fi Siwiidini NATO’tti akka makaman eeyyaman

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Fiinlaandii fi Siwiidiin Dhaabbata Waadaa Waraanaa Atilaantik Kaabaatti (NATO) akka makamaniif gaaffiin dhiyeessan biyyoota miseensota dhaabbatichaa 20 ol ta’aniin eeyyama argachuun ibsame.

Kibxata darbees Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan biyyoonni lameen akka dhaabbatichatti makamaniif mallatteessuun kan yaadatamuudha.

Pireezidaantiin Faransaay Emaanu’eel Maakiroonis biyyootaa lameeniif sagalee kennuun gabaafameera.

Baatii Caamsaa darbe Turki shororkeessummaan kan farrajje Kuroota deeggaru jechuun Siwiidinii fi Fiinlaandi gaaffii miseensummaa dhiyeessaniif sagalee deeggarsaa dhowwachuuf dhaadattee turuun ni yaadatama.

Amma garuu waldhabdeen biyyoota lameenii fi Turki gidduu yeroof ture gara waliigalteettii qajeelaa jiraachuun eerameera.

Fiinlaandii fi Siwiidiin gaaffii dhaabbatichaatti makamuuf dhiyeessan akka ragga’uuf miseensota NATO 30’n fudhatama argachuu akka qabu RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.