Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Puutiin guyyaa Afrikaa sababeeffachuun Afrikaanotaaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin guyyaa Afrikaa sababeeffachuun hoggantootaafi uummata Afrikaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guyyaan hundeeffama Gamtaa Afrikaa 60ffaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti kabajamaa jira.

Guyyaan Afrikaa guyyaa bilisummaa ta’uu ibsuun, guyyaa itti uummanni biyyoota ardichaa gita bittoota itti injifatan akkasumas fedhii bilisummaa, nageenyaafi badhaadhinaaf qaban kan of keessatti hammatu ta’uu eeraniiru.

Mootummoonni Afrikaa tattaaffii waloo taasisaniin maloota gaaga’ama naannawaaf deebii kennuu danda’an uumuun guddina hawaasummaa, diinagdee akkasumas gahee ardichi dhimmoota idil addunyaarratti qabu akka guddatu taasisuu ibsaniiru.

Afrikaan michummaa ardii Afrikaa waliin qabdu cimsuuf yeroo maraa xiyyeeffannoo addaa kan kennitu ta’uu kaasaniiru.

Yaa’iin hoggansaa Raashiyaa-Afrikaa yeroo jalqabaaf bara 2019 gaggeeffame hariiroo hundagaleessa biyyattiin Afrikaa waliin qabdu daran bal’isuu dubbataniiru.

Yaa’iin hoggansaa Raashiyaa-Afrikaa 2ffaan baatii Adoolessaa dhufu magaalaa Seent Piitarisbargitti kan gaggeeffamu ta’uu yaadachiisuun, yaa’ichi tumsa biyyattiin dameewwan siyaasaa, daldalaa, diinagdee, saayinsiifi teekinikaa, namoomaafi kanneen biroorratti Afrikaa waliin qabdu guddisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.