Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa Jibuutii galan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa Jibuutii galaniiru.
 
Sheek Haaji Ibraahiim wayita Jibuutii galanitti Pireezidaantii biyyattii Ismaa’eel Omar Gilleen simatamaniiru.
Sheek Haaji Ibraahiim Jibuuttiitti yaa’ii dhaabbilee nageenyaa aadaa fi ammayyaa Mannii Maree Dhimmoota Islaamummaa fi dhaabbanni “Waqif” qophaa’eessanirratti hirmaataniiru.
 
Yaa’ichaan boodas Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’eel Omar Gillee waliin kan mari’atan sheek Haaj Ibraahiin, haala qabatamaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa irratti argamu ilaalchisuun ibsa bal’aa taasisaniiru.
 
Pireezidaanti Ismaa’el Omar Gilleen gama isaaniin, fuulduratti Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa akka daawwatan kaasaniiru.
 
Koonfiraansiin Jibuutiitti qophaa’e kun Daayrektara Dhaabbata Gargaarsa Islaamummaa Idil Addunyaa Kuweet Badiir Si’uudiin dabalatee bakka bu’oonni biyyoota garaagaraa argamaniiru.
 
Gama biraatiin, Dhaabbanni Dagaagina Nageenyaa fi Aadaas bakka qondaaltonnii hojii fi keessummoonnii biroon argamanitti eebbifamuu ragaan Jibuuttiitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.