Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin Doolaara miiliyoona 180 godaantotaafi hawaasa fayyadamoo taasisu ifoome

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Piroojektiin deebii dhiibbaa godaantotaa marsaa 2ffaan Doolaara miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 80 hojiirraa ooluufi godaantotaafi hawaasa fayyadamoo taasisu ifoome.

Piroojektichi bakka hoggantoonni olaanoon Ministeera Qonnaa fi qaamolee dhimmamtootaa argamanitti magaalaa Adaamaatti ifoomeera.

Kaayyoon piroojektichaa dhiibbaa hawaasummaafi naannawaa godaantotaan uumamuu malu hir’isuuf ta’uu ibsameera.

Hojiirra oolmaa piroojektichaa marsaa jalqabaan hojiileen rakkoolee misoomaa hawaasa godaantota simatanii hir’isuu danda’an hojjetamuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Mallas Makonnin ibsaniiru.

Hojiilee misoomaa bara 2009 irraa eegalee naannolee Afaar, Beenishaangul Gumuziifi Tigraayitti hojjetameen bu’aan argamuu dubbataniiru.

Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 225, keellawwan fayyaa 98, keellaawwan fayyaa beelladaa 48, daandiin baadiyyaa kiiloomeetirri 520, dhaabbileen bishaan dhugaatii 220 ijaaramuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.