Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa abbootii qabeenyaa Taaksii Meetir waliin dhimma nageenyaarratti mari’ate

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC)- Poolisiin Federaalaa Magaalaa Finfinneetti abbootii qabeenyaa Taaksii Meetir hojjetan waliin dhimma nageenyaarratti mari’ateera.

Maricharratti qondaaltonni olaanoo Poolisii Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee argamaniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaasha Gabira Mikaa’el dhimmi nageenyaa dhimma siyaasaa waan hintaaneef qaamoleen dhimmichi ilaallatu poolisii cinaa ta’uun yakkaa ittisuu akka qaban gaafataniiru.

Abbootiin qabeenyaa taaksii meetiris muuxannoo biyyoota garaagaraa qooddachuun dhimma nageenyaarratti kallattiin akka hirmaatan dubbtaniiru.

Poolisiin Federaalaa Appilikeeshinii Giddugala Walitti Hidhamiinsaa Lammiilee hojiirraa akka oolchuuf jiru ibsanii, abbootiin qabeenyaa taaksii meetir yakkoota raawwataman Poolisii Federaalaa waliin ittisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen to’annoo isaanii cimsuu akka qaban akeekanii, kaameeraa fi GPS fayyadamuun nageenya tajaajilamtootaafis ta’e konkolaachistootaaf kan wayyu ta’uu eeraniiru.

Fuuldurattis taaksiiwwan koodii lamaa tajaajilaa taaksii kennan akkaataa seeraan itti gaafatamtootaa akka taasifaman eeranii, abbootiin qabeenyaas dhaabbilee poolisii lameen waliin walitti hidhamiinsaa teeknooloojii fi ittisa yakkaarratti waloon hojjechuuf kan dandeessisu waliigaltee akka mallatteessan himamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.