Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen badhaafamaan

Finfinnee, Adooleessa 28, 2013 (FBC)- Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen badhaafamaniiru.

Ministeerri Dubartootaa, Maatii fi Daa’immaan Diimokraatik Rippabiliik Koongoo waggatti bara Faranjoota Adooleessa 31 kan kabajamuu paan Afrikaatti guyyaa dubartootaa sababeeffachuun preezdaant Saahilawarq Zawdeef badhaasa laateera.

Sagantichaarratti dubartoonni Afrikaa bebbeekamoo biyya isaanii fi Afrikaaf shooraa ba’aataniif badhaasni laatameera.

Ibsa laatameen preezdaant Saahilawaq Zawdeen ogumma garagaraatin sadarkaa biyya keessaa, Afrikaa fi idil addunyaarratti dubartoota ga’oomsuus ta’ee hirmaanna dubartootaa diinagdee, hawaasumma fi siyaasaa keessatti jiru guddisuuf shooraa ba’ataaniif badhaasni akka laatameef ibsameera.

Badhaasichaas Diimokraatik Koongootti Amaasaaddarri Ityoophiyaa Waayinshaat Taaddasaa fuuchuu ragaan waajjira preezdaantiirra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.