Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa ergaa baga ayyaana Iidaal Faxriin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Idriis erga baga ayyaana Iidal Faxrii bara Hajiraa kuma 1 fi 442ffaan isin gahee jedhaniiru.

Erga isaaniitin ayyaanicha wantoota 13 raawwachuun kabajamuu akka qabu ibsun, keessaattu harka qalleeyyiin deeggaruun kajamuu qaba jedhaniiru.

Salaanni wayita gaggeeffamuu karaa nagaa raawwatamu qabas jedhaniiru.

Keessaattu yeroo ammaan kana wantoota gaarii hin taanee biyyattirratti muul’ataa jiruuf Rabbiin kadhachuu qabna jedhaniiru.

Ayyaanicha wayita kabajnu weerara vaayrasii koroonaarraa of eeguun, qajeelfamoonni ba’aan hojiirra ooluu akka qaban himaniiru.

Ayyaanni Iidaal Faxiir har’a galgala Addeessii yoo muul’atee, yoo hin muul’annee ammoo Kamisaa akka kabajamuu ibsaniiru.

Ayyaanichi akkuma kanaan duraa baranas addabaabaayitti akka kabajamuu himaniiru.

Faatiyaa Abdallaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.