Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen dhaabbilee amantaa gubatanii fi miidhaman daawwatan

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah dhaabbilee amantaa gubatanii fi miidhaman daawwatan.

Obbo Tamasgeen dabalatee, hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagar, Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii naannichaa Abbaraa Addaamuu fi abbootiin amantaa magaalaa Mooxaatti manneen amantaa gubatanii fi miidhaan irra ga’e daawwataniiru.

Daawwichaan booda hawaasa miidhaan irra ga’e, abbootii amantaa Islaamaa fi Kiristaanaa, jiraattota magaalichaa waliin mari’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.