Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Mootummaa waloo hundeef haala mijeessaa jiraachuu ibsan.

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Mootummaa waloo hundeef haala mijeessaa jiraachuu ibsan.
 
Saalvaa Kiir ibsa har’a laataniin, bulchiinsa naannoolee Sudaan Kibbaa 32 irraa gara naannoolee 10tti xiqqeessuuf murteessuu himaniiru.
 
Preezdaant Saalvaa Kiir guyyaa har’aa akka beeksisaniitti, mootummaa waloo hundeessuuf waliigaltee yeroo dheeraaf eeggama ture hojiitti hiikuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
 
‘Murteen har’a murteessine murtoo gaddisiisadha, nageenya biyyattiif garuu baayy’ee murteessadha’ jedhan.
 
‘Mormitoonnis murtoo kanaaf qophiidha jedheen amana’ jedhan Preezdaanti Saalvaa Kiir.
 
Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaas (IGAD) lakkoofsi bulchiinsa naannoolee biyyattii hanga guyyaa 22, 2, 2020tti furmaata akka argatu beellama kenneefi ture.
 
Waliigaltee Mootummaa waloo hundeeessuuf Preezdaant Saalvaa Kiir fi morkataan isaanii Dooktar Riik Maachaar hojiitti hiikuuf humnoota mormitootaa garaagaraa walitti gurmeessuu dadhabuun gufuu isa olaanaa ture jedhameera.
 
Saalvaa Kiir murtee kana irra ga’anis Dooktar Riik Maachaar garuu murtoo irra hin geenye jedhame.
 
Paartiileen biyyattii mootummaa waloo hundeessuuf waliigalee yeroo dheeraf eeggama ture xumurutu irraa eeggama jedhu xinxaaltoonni siyyaasaa.
 
Sudaan Kibbaa erga akka mootummaa birmadummaatti hundooftee waggoota shaniif jeequmsa hamaa keessa turte.
 
Sababa kanaan lammiileen biyyattii hedduun godaansaaf saaxilamaniiru.
 
Dhiibbaa Dhaabbaata Mootummoota Gamtoomanii, Ameerikaa fi biyyoota naannichaan Preezdaant Saalvaa Kiir fi morkataani isaanii Dooktar Riik Maachaar waliigaltee nageenyaa bara Faranjootaa 2018 walii mallatteessanii turan.
 
Akka walii galtee kanaatti baatii Sadaasaa bara Faranjootaa 2019tti mootummaa waloo hundeessuu ture.
 
Yaa ta’uu tii walii galteen kun guyyoota 100f dubbatti harkifachuu isaa himameera.
 
Maddi:- Reuters
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.