Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Paarlaamaa isaanii diigan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Sanbata darbee eegalee Paarlaamaa isaanii diiganiiru.
Tarkaanfiin Preezdaantichaa waggoota sadi dura waliigaltee nageenyaa waadaa galan hojiirra oolchuuf balbala kan banuudha jedhame.
Kunis miseensota Paarlaamaa fi hoggantoota olaanoo paartii biyya bulchu keessaa qofa osoo hin taanee Paartilee morkattootaa keessaa hirmaachisuuf carraa kan uumudha jedhameera.
Akkaataa waliigaltee Bara Faranjootaa 2018tiin miseensota Paarlaamaa keessaa harki 25 Paartii Riik Maachar dursan keessaa akka ta’an tumameera.
Akkasumas Raayyaan Ittisaa biyyattii paartilee hunda keessa akka gurmaa’u kaa’ameera.
Preezdaant Saalvaa Kiir har’aa eegalanii guyyoota itti aanaan keessa miseensota paarlaamaa Haaraa ni hundeessu jedhamee eeggama.
Bara Faranjootaa 2013 eegalee walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaatti uumameen lubbuun lammiilee nagaa kuma dhibba 3 fi kuma 80 olii kan darbe yoo ta’u, lammiileen miiliyoonootaan lakkawwaman godaansaaf saaxilamuu ibsameera.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.