Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantonni naannolee Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)- Preezdaantoonni naannolee garaagaraa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan, hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa wayita ayyaanicha kabajan lammiilee harka qalleeyyi ta’aan deeggaruu akka qaba ibsaniiru.

Kiristoos jaalala dhala namaaf qabu gatii lubbuu kaffaluun agarsiise

gara laafummaa, jaalala, ajajamuudhaan nuti dhalli namaa fakkeenyummaa isaa akka hordofnuuf hojiidhaan mul’isera jedhan ergaa isaaniin.

Mootummaan naannichaas lammiilee sababa waraanaatin qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’uun rakkoo keessa jiran ayyaanicha waloo fi gammachuun dabarsuuf deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.

Preezdaantiin naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa gama isaaniin hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa martii bagaa ayyaana Du’aa Ka’uu Kiristoosiin isin gahe jedhaniiru.

Ittaanaa Preezdaantii naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoo, hordoftoonni amantaa kiristiyaanaa ayyaanicha yeroo kabajan harka qalleeyyii deeggaruun akka qaba himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.