Fana: At a Speed of Life!

Priimeyar Liigii Ityoophiyaan Jimmaa Abbaa Jifaar Walaayittaa waliin qixa ba’e

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 23ffaa har’a gaggeeffameen Jimmaa Abbaa Jifaar fi Walaayittaa Diichaa waliin goolii 1 qixa ba’an.
Abbaa Jifaariif Piriinsi Waa’oongoon daqiiqaa 39ffaarratti goolii tokko, Sintaayyoo Mangiftuu ammoo Walaayittaa Diichaaf goolii tokko danqiiqaa 54 lakkoofsiisaniin taphichi 1 fi 1 qixaan xummurameera.
Shaampiyoonaa Liigichaa ta’uu kan mirkaneeffate Magaalaan Faasil qabxii 54 sadarkaa 1ffaa, Bunni Ityoophiyaa qabxii 35 sadarkaa 2ffaa, Qidduus Giyoorgis qabxii 34 sadarkaa 3ffaarratti argamu.
Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 14 sadarkaa 12ffaarratti argama.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.