Fana: At a Speed of Life!

Proojaktii jireenya naannolee gammoojjii fooyyessuu dandeessisurratti mari’atame

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Proojaktii jireenya naannolee gammoojjii fooyyessuu dandeessisurratti mari’atame.

Proojaktichi bakka koreen dhaabbii dhimmoota qonnaa, horsiisee bulaa fi eegumsa naannoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa argamanitti magaalaa Adaamaatti dhiyaatee irratti mari’atameera.

Proojakticha kan qopheesse Ministeera Nageenyaa FDRI yammuu ta’u, har’a Adaamaatti irratti mari’atameera.

Proojaktichi horsiisee bulaa fi gariin horsiisee bulaa naannoo gammoojjii fayyadamoo taasisuu kan kaayyeffatedha.

Ministeera Nageenyaatti ministir deettaan dhimmoota damee federaaliizimii fi horsiisee bulaa Dooktar Siyyuum Masfin proojaktichi fayyadamtummaa hawaasummaa fi diinagdee mirkaneessuu kan karoorfatedha jedhaniiru.

Proojaktichi kan qophaa’e waggoota ja’aafi.

Proojaktiin kun lammiilee miiliyoona 2.5; %50 dubartootaa fi %20 dargaggoota fayyadamoo kan taasisudha.

Proojaktichi naannoo Oromiyaa, Afaar, Somaalee, Beenishaanguul Guumz, Gaambeellaa fi Kibbatti hojiirra oola.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.