Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Oromoo ammaan booda aarsaa hin barbaachisne kaffaluu keessaa ba’uun misoomarratti bobba’uu qaba- MM Dr Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Godina Dhiha Baalee aanaa Dalloo Mannaa, ganda Malkaa Mannaatti proojaktiin misooma jallisii Walmal har’a ebbifameera.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ebbicharratti argamuudhan ergaa dabarsaniin, ammaan booda ummanni Oromoo hundi aarsaa hin barbaachisne kaffaluu keessaa ba’uun misoomarratti akka bobba’u dhaamaniiru.

Dooktar Abiy erga gara aangootti dhufanii qormaata hedduu keessa darbuu fi jijjiirrama baay’ee biyyattiitti galmeessisuu ibsaniiru.

Jijjiirrama eegalame itti fufsiisuuf waldhaga’uu fi walhubachuun hojjechuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gama isaanitiin haasaa ebbicharratti taasisaniin, proojaktichi ebbifamuun jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf ga’ee olaanaa qabaata jedhaniiru.

Qonnaan biltoonni naannichaa kanaan dura gargaarsa mootummaa jala kan turan yammuu ta’u, ammaan booda garuu ofirra darbuun oomisha isaanii gabaaf dhiyeessuu ni danda’u jedhameera.

Rakkoo daandii aanichi qabu furuufis bara 2013 jalqabaa eegalee daandiin Goobbaa – Nageellee Bitaakkaa ijaarramuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Deggarsa dhaabbata ‘IFAD’ jedhamu irraa argameen kan ijaarrame proojaktiin kun lafa heektaara 400 misoomsuu danda’a jedhameera.

Proojaktiin misooma jallisii Walmal Birrii miiliyoona 36 kan ijaarrame yoo ta’u qonnaan bultoota kuma 1 fi 123 fayyadamoo ni taasisa jedhameera.

Aanuma kanatti proojaktii misooma jallisii Birrii biiliyoona 3, lafa heektaara kuma 11 ol misoomsuu danda’u hojjechiisuuf dhakaan bu’uuraa kaa’ameera.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.