Fana: At a Speed of Life!

Proojaktoota daandii harkifatan 6 xumursiisuuf Birrii miiliyoonni 500 ol ramadameera

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Proojaktoota daandii 6 ijaarsi isaanii eegale harkifate xumursiisuuf baajatni dabalataa Birrii miiliyoona 500 ol ramadamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa ibse.

Jilli sadarkaa itti aanaa preezidaantiitti qindeessaan kilaastara qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen duurfamu proojaktoota godinoota Lixa Oromiyaatti argaman afur daawwateera.

Proojaktoonni daandii godinoota Jimmaa, Bunnoo Baddallee, Iluu Abbaa Booraa fi Shawaa Lixaa aanota garagaraatti ijaarsi isaanii harkifate madda komii ummataa ta’aniiru.

Ijaarsicha xumursiisuuf mootummaan haala addaan baajata Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 56 eeyyamuun ijaarsicha waggaa qabametti xumursiisuuf hojjetamaa jira.

Daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduun daandichi yeroodhan xumuramuu dhabuun madda rakkoo bulchiinsa gaarii ta’eera jedhan.

 

Balaay Tasfaayetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.