Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin Dubartootaa fi dargaggoota godaansaa deebi’an diinagdeen fayyadamoo taasiisu ifoome

Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Ejansiin Carraa Hojii Uumuu fi Sheer Kaampaaniin ‘Isti Afrikaa Bootiliing’ proojektii Dubartootaa fi dargaggoota godaansaa deebi’an diinagdeen fayyadamoo taasiisu ifoomsaniiru.

Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa obbo Nigusuu Xilahuunii fi Ityoophiyaatti Daayreektarri Sheer Kaampaaniin Isti Afrikaa Bootiliing Daaryiisan Wiilsan waliigaltee proojektichi eegalchiisuu mallatteessaniiru.

Proojektiin birriin miiliyoonni 20 baasii itti ta’u kun dubartootaa fi dargaggoita 600 godaansaa deebi’an fayyadamoo taasiisa jedhame.

Proojektichi naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi magaalaa Finfinneetti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.