Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu fi hojii dhabbabdummaa hir’isuuf tumsa waloo gaafata jedhame -BMNKI

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu fi hojii dhabbabdummaa hir’isuun tumsa waloo kan gaafatu ta’uu Bulchiinsi Mootummaa naannoo Kibba Itiyoophiyaa beeksiise.

Biiroon Daldalaa fi Misooma Gabaa naannichaa Biiroo carraa Hojii Uumuu fi Misooma Interpitaayizii waliin ta’uun dhimmoota qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessanii fi hojii dhabdummaa hir’isanirratti magaalaa Walaayittaa Sooddootti marii gaggeessaa jira.

Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu fi hojii dhabdummaa hir’isuun qooda nama hundaa ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Tasfaayee Yigazuun ibsaniiru.

Mootummaa naannichaa dhimmoota kanneeniif xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee naannichaa Obbo Alamaayehu Baawiddiin ibsaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa fi gabaa tasgabbeessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Maahileet Ukkumoo fi Mallase Taaddalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.