Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee iddoolee garaagarraatti ummatta nagaa waliitti buusuuf shira xaxaa jiranirratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale – Ministeera Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Eebila 10, 2013 (FBC) – Qaamolee iddoolee garaagarraatti ummatta nagaa walitti buusuuf shira xaxaa jiranirratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyaa beeksiise.

Ministeerri Raayyaan Ittisaa Biyyaa haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laateera.

Kutaalee biyyattii tokko tokkotti ummata walitti buusuun lubbuun lammiilee nagaa akka baduu fi qabeenyi akka barbadaa’u qaamolee taasiisanirratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu ibseera.

Yeroo ammaa iddoolee tokko tokkotti rakkoon nageenyaa bal’inaan muul’achaa jiraachuu eereera.

Ergama Raayyaan Ittisaa heera mootummaa kabachiisuuf taasiisaa jiru gufachuuf shirri farreen nageenyaan xaxamaa jiru hirmaannaa fi qindoomina Raayyaa ittisaan fashalaa’uu himeera.

Rakkoo nageenyaa Wallaggaa Buree, Shawaa Kaabaa fi Wallootti saba Oromoo fi Amaaraa, Matammaatti saba Amaaraa fi Qimaantii Soomaalee fi Afaar gidduutti uumame furuuf, qaamoleen nageenyaa federaalaa, naannoo fi hawaasa naannichaa waliin hojii olaanaan hojjetamaa jiraachuu eereera.

Qaamoleen ummataa fi ummata waliiti buusuuf shira xaxaa turan hedduu isaanii hirmaannaa hawaasaa fi qindoomina qaamolee nageenyaan to’annoo jal ooluu ibseera.

Rakkoo nageenyaa Shawaa kaabaa fi Walloo Kibbaatti saba Oromoo fi Amaaraa gidduutti uumameen miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyarra qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa ibsa har’a laateen himeera.

Yakkamtoota kanneenirratti tarkaanfiin fudhatamuu eegaluu eereera.

Qaamoleen nageenya ummataa booreessuuf daandii cufuu dabalatee yakkoota garaaraa raawwataa jiran gochicharraa akka of qusatan Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa hubachiiseera.

Rakkoo nageenyaa Shawaa kaabaa fi Walloo Kibbaa godina addaa Oromootti muudateen walqabatee dhaabbilee nageenyaa federaalee, naannoo fi godinoota kanneenii kan hammate komaandi poostiin hundaa’uu ibseera.

Komaandi Poostichi qaamolee iddoolee kanneeniitti nageenya boorreessaa jiranirratti tarkaanfii fudhachuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf ni hojjeta jedhame.

Haaluma kanaan naannichatti nagaa buusuuf dhorkamoonni adda adda taasiifamuu himeera.

1. Aanaalee Dabra Seenaa hanga Kombolchaatti naannoo daangaa daandirraatti argaman bitaa fi mirgaan hanga Km 20tti meeshaalee waraanaa qabatanii socho’uun dhorkaadha.

2. Gareen ta’uun qaamolee daandii cufuu dabalatee dhaabbilee amantaa, mootummaa fi qabeenya dhuunfaa irratti miidhaa geessisanirraatti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibseera.

Hawaasni haaluma kana dura barameen qaamolee nageenyaa cinaa ta’uun nagaa fi tasgabbii buusuu keessatti qooda isaanii akka ba’an waamichi dhiyaachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.