Fana: At a Speed of Life!

Qamadii alaa galu hambisuun ga’umsa alatti erguu cimsuun murteessaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Qamadii alaa galuu hambisuun ga’umsa biyya alatti erguu cimsuun murteessaa ta’uun Biiroon Qonnaa Naannoo Kibbaa ibse.

Waltajjiin sosochiin qamadii jallisii bonaa bakka Pireezidaantii Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa dabalatee qondaaltonni olaanoo naannoo fi federaala argamanitti gaggeeffamaa jira.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Usmaan Surur, misooma qamadii jallisii bonaa milkeessuuf hirmaannaan akka barbaachisu eeranii, hojiilee misoomaa seenaa Ityoophiyaa jijjiiran hojjechuu barbaachisas jedhan.

Misooma qamadiirratti qindoominaan hojjechuun Ityoophiyaan baroottan darban qamadii alaa galchitu oomisha biyya keessaan bakka buusuu qofaa utuu hintaane gara biyyoota alaatti erguu qabna jedhaniiru.

Barana, misooma qamadii jallisiin hektaara kuma 22 ol misoomsuun qamdii kuntaala kuma 748 ol oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Karooricha milkeessuuf hojiilee qophii duraa gaggeessuu, hojiilee adda baasuu fi sosochii cimsuu, hojiilee deeggarsaa fi hordoffii gaggeesuun murteessaa ta’uun eerameera.

Misooma qamadii naannichatti gaggeeffamanii fi muuxannoo jiru waltajjichaaf dhiyaateera.

Marichaan boodas Aanaa Sooddootti qonnaa gannaan bu’aaleen argaman ni daawwatama jedhamee eegama.

Birhaanuu Bagaashaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.