Fana: At a Speed of Life!

Qonna guddisuuf kan tumsu dorgommiin kalaqaa dargaggootaa eegale

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) –Umriin isaanii waggaa 18-29 kan ta’anii fi yaada kalaqaa qonnaa Ityoophiyaa fooyyessuuf dorgommiin lammiilee hirmaachisu eegaleera.

“AYuTe Ethiopia Challenge” dorgommiin jedhamu, Haayifer Intarnaashinaaliin kan qophaa’e kalaqa teeknooloojii qonnaarratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Dorgommichi haqa qabeessaa fi ittifufiinsa kan qabu qaamolee mootummaa garagaraa, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee faayinaansiin walta’uun kan hogganamuudha jedhameera.

Kaayyoon dorgommichaas hanqina qonnaan bultoonni sadarkaa gadaanaarra jiran qaban hambisuun oomishaa fi omishtummaa, galiidhaan, dhiyeessii faayinaansiifi dandeettii dandamachuu teeknooloojiiwwan qonnaarratti yaadota jiran dorgomsiisee badhaasuuf ta’uun beekameera.

“AYuTe Challenge” mo’attootaa sadarkaa 1-3ffaa ba’aniif badhaasni doolaara kuma 20 qophaa’uun ibsameera.

Guyyaan galmee Caamsaa 13, 2014 irraa eegalee guyyoottan 7 itti aananiif kan turu yoo ta’u, dorgaggoonni yaada kalaqaa qaban dorgommichaaf karaa oonlaayiniin galmaa’uu akka danda’an eerameera.

Zabiib Taklaaytu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.