Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultootaaf deeggarsi Xaa’oo fi sanyii filatamaa taasifame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Qonnaan bultoota naannoo kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftoof deeggarsi Xaa’oo fi sanyii filatamaa taasifame.
 
Qonnaan bultoota harka qalleeyyii 401f deeggarsi taasifamuu ibsameera.
 
Kutaa bulchiinsa magaalichaatti qonnaan bultoota kuma 7 fi 61tu argama.
 
Kanneen keessa qonnaan bultoonni deeggarsa barbaadaan kumn 1 fi 50 adda kan ba’an yoo ta’u, guyyaa har’aa qonnaan bultoota marsaa duraaf filatamaniif deeggarsi sanyii filatamaa fi xaa’oo taasifameera.
 
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonna magaalaa jajjabeessuuf deeggarsa garaagaraa taasisuurratti argama.
 
Tibba darbes qonnaan bultoota naannoo garaagaraatti argamaniif deeggarsi taasifamuun kan yaadatamuudha.
 
Zabiib Taklaayitu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.