Fana: At a Speed of Life!

Qopheessumaa Kaamerooniin kan gaggeeffamu ramaddiin waancaa Afrikaa Chaan ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Qopheessumaa Kaamerooniin kan gaggeeffamu ramaddiin waancaa Afrikaa Chaan ifoome.

Waancaa Afrikaa Chaan baatii lama booddee eegalamuuf biyyoonni calallii darban rammaddiin isaanii ifa ta’eera.

Ramaddii kanaaniis:-

Gareen jalqabaa Kaameroon, Maalii, Burkinaa Faasoo fi Zimbabuwee

Garee lammaffaan Liibiyaa, Dimokiraatiki Rippabiliik Koogoo, Koongoo fi Niijar

Garee sadaffan Morokoo, Ruwaandaa, Yuugaandaa fi Toogoo

Garee arfaffaan ammooZaambiyaa, Giinii, Namibiyaa fi Taanzaniyaa ta’uun beekameera.

Lammiin Ityoophiyaa Liidiyaa Taafasaa yeroo jalqabaaf waldorgommii Afrikaarratti murteessumaa olaanaan taphicha kan gaggeessan murteessitoota gidduu 20 keessa tokko taatee filatamuu ishee raagan Ityoo Kiik Of irraa argame ni muldhisa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.