Fana: At a Speed of Life!

Qorannoo Maaster Pilaanii zoonii indaastirii magaalota shanii irratti mari’atame

Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Qorannoo Master Pilaanii zoonii indaastirii magaalota shanii Biiroon Investimentiifi Indaastirii Oromiyaafi Yuunivarsiitiin Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa waloon qopheessan irratti mari’atamuu ibsame.

Magaalonni qorannoon kun irratti gaggeeffames Zoonii Induustirii Yaabeelloo, Zoonii Induustirii Tafkii, Zoonii Induustirii Sandaafaa, Zoonii Induustirii Amboo fi Zoonii Industirii Ciroo ta’uu eerameera.

Maricharratti  Sadarkaa Itti Aaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti  Qindeessaa Kilaastera Magaalaa obbo Masfin Malaakuufi  Hogganaa Biiroo Investimentiifi Indaastirii Oromiyaa obbo Ahimed Idiriis dabalatee hoggantoonni olaanoon birooniifi hayyoonni Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teknooloojii Adaamaa argamaniiru.

Obbo Masfin Malaakuun, Oromiyaan qabeenya uumamaa hin tuqamne hedduufi humna namaa misoomsuu danda’u qabaachuun eeruun, qorannoo dhiyaate yaadaan gabbisuun qabatamaadhaan hojiitti hiikuuf hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.

Hoogganaan Biiroo Invastimantiifi Induustirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiris gamasaaniin ,Ce’umsa qonnarraa gara induustiriitti taasifamu milkeessuuf babal’achuun investimantii murteessaa ta’uu himuun,  investimantiiwwan uummata fayyadan babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Maastar pilaaniin zoonii industrii qoratamee guyyaa har’aa ifoomes investimantiin akka babal’atuufi carraan hojii bal’aan akka uumamu kan taasisu ta’us dubbataniiru.

Maastar Pilaaniin Zoonii Industirii qoratame kun gara hojiitti akka jijjiiramu qooda fudhattoonni hunduu gahee isaan irraa eegamu akka bahan gaafachuun, Biiroon Investimantiifi Induustirii Oromiyaa qorannicha lafa qabsiisuuf xiyyeeffannaadhaan kan hojjetu ta’uus eeraniiru.

Qorannoon maastar pilaanii induustrii zoonii magaaloota 5 irratti eegalame kunis magaaloota Oromiyaa biroorrattis kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.