Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon sanyii mishingaa fooyyeessuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Qorannoon sanyii mishingaa fooyyeessuu deeggarsa Minsiteera Innooveeshinii fi Teeknooloojiin naannoo Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneettii gaggeeffamaa jira.

Qorannoon gaggeeffamaa jiru kun mishingaan yeroo tokko faca’e giddugaleessan waggaa 5 hanga 7 osoo irra deebiin hin qotaminii fi hin faca’in waggaatti sa’a 2-3 oomisha kennuu akka danda’uuf hojjetamaa jira jedhameera.

Hektaara tokkotti callaa kuntaala 60 hanga 70 laachuu akka danda’u ibsameera.

Deeggarsa ministeerichi taasiiseen kana dura iddoolee lamatti yaalii godhameen bu’aa gaarii argamsiisuu isaa himameera.

Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoolloojii Finfinneetti Mishingaan baatii Waxabajjii bara 2011 faca’e yeroo 3f oomisha laachuu danda’eera.

Oomishni kunis hoggantoota innooveeshinii fi teeknooloojiin daawwatamuu isaa ragaan ministericharraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.