Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Ameerikaanoonni 963 fi lammiileen Kaanaadaa 26 gara biyya ishee akka hin seenne dhorkite

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Raashiyaan Ameerikaanoonni 963 fi lammiileen Kaanaadaa 26 gara biyya ishee akka hin seenne qoqqoobbii irra keesse.

Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidanii fi Ilmi isaanii Hantar Baayidan Ameerikaanoota qoqqoobbiin irra kaa’ame keessatti argamu jedhame.

Lammiileen Kaanaadaa gara Raashiyaa akka hin seenne dhorkaman ammoo kanneen Raahiyaarra qoqqoobbiin akka kaa’amu sagalee laatan ta’uu ibsameera.

Muummeen Ministiraa Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo fi haati warraa isaanii kanneen qoqqoobbiin irra kaa’ame keessatti kan argaman ta’uus ibsameera.

Maddi:- CGTN

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.