Fana: At a Speed of Life!

Raawwii ce’umsa sirna haqaarratti Amaasaaddaroota Gamtaa Awurooppaaf ibsi taasifame

Finfinnee, Amajjii 26, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan raawwii ce’umsa sirna haqaa Ityoophiyaa fi itti gaafatamaa ogeeyyii Koomishinii Mirga Namoomaa Idil Addunyaa Ityoophiyaatti ramadaman ilaalchisuun ejjennoo qabdurratti Ambaasaaddaroota Gamtaa Awurooppaaf ibsa taasisteetti.

Guyyaa har’aas Miniteerri Haqaa Ityoophiyaa fi qondaaltonni olaanoo Ministeeraa Dhimma Alaa ambaasaaddaraootaa biyyootaa miseensota Gamtaa Awurooppaa teessoon isaanii Finfinnee waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis dhimmoota eegumsa mirga namoomaa fi itti gaafatama jirurrattii walta’iinsaan hojjechuuf ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, Ityoophiyaan waliigaltee Piriitooriyaa mallateessite fi hammattoowwan raawwii egereerratti guutummaatti hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu irraa deebiin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.