Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin hojii karoora Ce’umsa Qonnaa waggoottaan arfan darbanii gamaaggamame

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Raawwii Hojii Karoora Ce’umsa Qonnaa Oromiyaa kan waggoottaan arfan darbanirratti qooda fudhatoota waliin mariin gaggeeffameera.
karoora hojii qonnaa Oromiyaa ceesisuuf qabame milkeessuuf hojii jalqabbii gaarii jiru cimsuun barbachisaa ta’uun ibsameera.
Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Hoogganaan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abduramaan Abdallaa ,qonna naannoo Oromiyaa ceesisuun hawaasa naannoo fi biyya fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran caalmaatti cimsuuf qooda fudhattoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban kallattii kaa’aniiru.
Hojii qonnaa ceesisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa beektota ogummaa qonnaa olaanaa qaban hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.
Ogeeyyiin kunneen jijjiirama bu’uuraa dhufaa jiru keessatti gahee banachaa jiran caalmaatti cimsuun akka itti fufan gaafataniiru.
hojiilee Qonna Naannoo Oromiyaa ceesisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aan gurguddaa argamsiisuu eeruu isaanii ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.