Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa duula marsaa xumuraa fi sadaffaan akka raawwatu ajaja kennuu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad beeksisaniiru

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) –Raayyaan Ittisa Biyyaa duula marsaa xumuraa fi sadaffaan akka raawwatu ajaja kennuu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad beeksisaniiru.

Duula kanaan lammiilee nagaaf of eeggannoo akka taasifamu ibsaniiru.

Duulli marsaa xumuraa eegalameera.

Yeroon sa’aatii 72 kenname xumurameera. Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu marsaa xumuraa irra ga’eera. Sa’aatii 72 kenname keessatti humni addaa fi milishaan Tigiraay kumaan lakka’an Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka laataniiru.

Dargaggoonni Tigiraay kaayyoo garee badii ABUT hubachuun gochicha irraa of qusataniiru. Mootummaan sa’aa 72 wayita laatu kaayyoo lama ture. Kaayyoon duraa olaantummaa seeraa kabachiisuu malee, waraana akka hin taanee ibsuuf. Yakkamaa Juuntaan harka kennachuu yoo danda’e duulicha xumuruun seera gatii xiqqaan kabachiisuun ni danda’ama jedhee ni amana.

Kanaaf jecha yeroo gara garaatti carraa kenneera. Inni lammataan ammoo kaayyoon badii ABUT yoo ture illee namni isaa gale namni tokko yoo argamellee, nama san baraaruu akka danda’amudha. Balballi nama badii isaanii hubatee deebi’uuf humni addaa fi milishaan Tigiraay kumaan lakkaa’aman itti galaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa duula marsaa xumuraa fi sadaffaan akka raawwatu ajaja kenneera. Duula kanaan lammiilee nagaaf of eeggannoo ni taasiifna.

Dafqa ummataa keenyaan kan ijaaramte magaalaan Maqalee miidhaa cimaan akka irra hin geenyeef of eeggannoon barbaachisu ni taasifama.

Hambaalee, manneen amantaa, bakkeewwan tajaajila ummataa, dhaabbilee misoomaa fi manneen jireenyaa ummataa xiyyeeffannoo miidhaa akka hin taane ofeeggannoon ni taasifama.

Ummanni Maqalee fi naannoo ishee hidhannoo hiikkachuun mana isaa akka turuu fi xiyyeeffannoo waranaa irraa akka fagaatu, ofeeggannoo barbaachisu akka taasisaan waamicha ni dhiyeessina.

Sababa miseensoota ABUT muraasaaf miidhaa ga’u hir’isuuf ummanni miseensoota juuntaa dabarsanii laachuun ga’ee isaanii akka ba’atan waamicha ni dhiyeessina.

Raayyaan Ittisa Biyyaa lammiilee nagaa, hamaabalee, , manneen amantaa, bakkeewwan tajaajila ummataa, dhaabbilee misoomaa fi manneen jireenyaa ummataa irra miidhaa otuu hin qaqabsiisiin Juuntaa seeraatti dhiyeessuuf duula ofeeggannoo gaggeeffamu ta’uu isiinif mirkaneessu barbaanna jedheera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.