Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo mana jireenyaa hiikuuf hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Rakkoo mana jireenyaa hiikuuf hojjetamuu qaba jedhame.

Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa waltajjii marii qooda fudhattoota magaalota Oromiyaa waliin magaalaa Adaamaatti mari’ateera.

Marii kanaanis rakkoo mana jireenyaa hiikuuf tumsaan hojjechuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Marii qooda fudhattoota magaalota Oromiyaa irraa walitti dhufan waliin taasifameen sagantaawwan bulchiinsi mana mootumma, waldaa mana jireenyaa, manneen waliinii fi misooma riil isteetii irratti hojii hojjetamaa tureen bu’aan akka salphaatti hin ilaalamne raawwatamaa turuu illee, hanqina bal’aa fi irraa baratamuu qabu ta’u, hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa obbo Jamaal Kadir ibsaniru.

Dabalataanis rakkoo mana jireenyaa magaalota Oromiyaa keessatti mul’atu qorannoon deeggaramuun, seerotaan sirreeffamuu qaban sirreessun jalqabame kutannoon hojiitti hiikuf hojjetamuu akka qabu himaniiru.

BDhKMNO

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.