Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo Sudaan mudate keessa giddu seentummaan Ityoophiyaa akka jiruutti ololli afarfamu bu’uura hin qabu – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) – Rakkoo Sudaan mudate keessa giddu seentummaan Ityoophiyaa akka jiruutti ololli miidiyaalee tokko tokkon afarfamu bu’uura kan hin qabne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ololichi rakkicha rakkoo naannawichaa taasiisuuf qaamolee fedhii qabanirra kan madde malee odeeffannoo sobaa fi bu’uura hin qabne ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem ibsaniiru.

Ityoophiyaa fi Sudaan hariiroo mootummaa waliin hin jijjiirramne hariiroo cimaa fi biyyoota ollaa michuu bara dheeraa ta’uu himaniiru.

Biyyattiin rakkoo yeroo ammaa mudate keessaa akka baatuuf Ityoophiyaan haala kamiiniyyuu Sudaan cinaa kan dhaabbatu ta’uu mirkaneessaniiru.

Yaa ta’uutii miidiyaaleen tokko tokko walitti bu’iinsicha keessa giddu seentummaan Ityoophiyaa akka jiruutti ololli afarsan olola sobaa hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamanii hin madaalleu fi odeeffannoo bu’uura hin qabne ta’uu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.

Lammiileen Sudaan rakkoo keessoo isaanii giddu seentummaa tokko malee furachuuf ummata ogummaa qaban ta’uu Ityoophiyaan ni amanti jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa haala Waqtaawaa yeroo ammaa Sudaan mudate hordofee Waajjira Muummee fi gama Embaasii Ityoophiyaa Kaartumitti argamuun nageenya lammiilee Ityoophiyaa biyyattiitti argamanii eegsisuuf itti dhiyeenyaa hordoffii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad humnoonni morkattootaa Sudaan rakkoo isaanii mariin akka furan waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.