Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee Afrikaa furuuf dandeettii dargaggootaa fayyadamuu barbaachisa- Obbo Adam Faarahi

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Rakkoolee Afrikaa furuuf dandeettii dargaggootaa haalaan fayyadamuu barbaachisa jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahi.

Paartiin Badhaadhinaa guyyaa har’aa hirmaattota yaa’ii dargaggoota Afrikaaf sagantaa baga nagaan dhuftanii qopheesseera.

Saganticharratti Ittaanaa Pireezidaantii paartichaa obbo Adam Faaraahi dabalatee miseensonni hojii raawwachiistuu paartichaa argamuu ibsameera.

Obbo Adam Faaraahi saganticharratti haasawaa taasisaniin, rakkoolee Afrikaaf furmaata barbaaduun barbaachisaa ta’uu eeruun, dandeettii dargaggootaa fayyadamuun ardii kalaqaan cimte ijaaruuf har’a boru osoo hin jedhiin ka’uu qabna jedhan.

Keessumaa biyyoonni badhaadhina hunda galeessaaf dandeettii guddaa kan uumu ijaarsa dhaabbileerratti hojjechuu akka qaban kaasuun, Ityoophiyaan gama kanaan sochii bal’aa taasisaa jiraachuu eeran.

Afrikaanonni gamtaan yoo dhaabbatan sadarkaa idil addunyaatti dhageettiin isaanii dabaluu akka danda’uufi gama kanaan sochii bal’aan biyyoota ardichaa gidduutti taasifamuu akka qabu ibsuu isaanii ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.