Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee hawaasummaa fi diingadee saffisaan furuuf walhubannaan hojjechuun barbaachisaadha – Obbo Getaachoo Raddaa

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC) – Konfirensiin Ummataa kutaalee hawaasaa aanaalee naannoo Tigraay hundarraa walitti babba’an hirmaachise magaalaa Maqaleetti gaggeeffameera.

Waltajjichi ergama bulchiinsa yeroo naannichaarratti hubannoo uumuun hojiilee naannicha deebisanii ijaaruu saffisiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan ibsaniiru.

Konfireensiin kun waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa booda yeroo jalqabaaf kan gaggeeffame yoo ta’uu, waltajjii gaaffii fi yaadni ummataa hedduun irratti dhiyaatu ta’uu eerameera.

Waliigaltee nageenyaa sirnaan hojiirra oolchuun rakkoolee hawaasummaa fi Diinagdee jiran saffisaan furuuf walhubannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Obbo Getaachoon dubbachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Buclhiinsa Yeroo naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.