Fana: At a Speed of Life!

Ramadaanni mallattoo tokkummaa jabaadha – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga geessanii ayyaana Iid Al faxirii bara 2013 dabarsaniiru.
Obbo Shimallis Hawaasa Musiiliimaa fi ummata Ityoophiyaa maraan baga ayyaana Iid Al Faxiir bara 2013 nagaan geessan jedhaniiru.
Baatiin Ramadaanaa kitaaba amantaa guddicha Quraana keessatti baatii addaa fi eebbifamaa ta’uun kan lallabamuudha jedhan.
Ergaan Guutuun Preezdaant Shimallis dabarsan haala armaan gadiin dhiyaateera.
Baatiin kun hordoftoota amantaa Isilaamaa biratti boqonnaa calqabaa Rabbi ykn Uumaa biraa Nabiyyuu Muhaammadiif kenname akka ta’etu amanama.
Hordoftoonni amantaa Isilaamaa baatii Ramadaanaa keessatti Sooma, Solaataafi fedhii bu’uuraa dhala namaa irraa of qusachuufi Uumaatti siqachuudhaan dabarsu.
Baatiin kun yeroo maatiin sababa hojiitiif bakka adda addaa turellee walitti dhufee Uumaasaa kadhatuufi galateeffatu ta’uunsaa adda isa taasisa.
Hordoftoonni amantaa Isilaamaa biyya keenyaa qajeelfama amatichaa hordoftanii baatii Ramadaanaafi Ji’a eebbifamaa kana guutuu Soomaafi Solaataan dabarsitanii, guyyaa Iidaa arguuf carroomtan martinuu irra deebiin baga geessan, Iid Mubaarak, baga waliin geenye jechuun barbaada.
Ramadaanni mallattoo tokkummaa jabaa dha. Namni amantaa Isilaamaa hordofu kamuu abboommii Rabbii kabajuufi waan Quraana irratti ibsame mara raawwachuun dirqama yeroo hundaati.
Haa ta’u malee, baatii ramadaanaa keessa addatti beekees ta’e daguudhaan nama waliin kan wal dhabe kan itti araaramuufi dhiifama godhu, qabeenya horaterraa Sadaqaa kennachuun rakkataa kan itti gargaaruufi guutummaatti uumaasaatti of kennuun guddina jireenya afuuraa kan itti agarsiisu ta’uutu eegama.
Kabajamtoota hordoftoota amantaa Isilaamaa
Akka amantaa Isilaamaatti dirqama hordofaan amatichaa raawwatu keessaa Shahaadaan isa tokkodha.
Uumaa kabajuufi Safeeffachuun, abboommii isaa eeguufi hojii isaa dinqifachuun hojii guyyaa guyyaan raawwatamuu dha.
Shahaada ykn Rabbiin ulfeessuuf guyyaatti kadhata yeroo shanii ykn Solaata raawwachuunis dirqama biroo hordoftoonni amantichaa raawwatan ta’uunis ni beekama.
Haa ta’u malee, Baatii Ramadaanaa keessa waan yeroo Soomaa ofii itti hin fayyadamne harka qalleeyyii itti dhiyoo jiraniif qooduudhaan jireenya gamtaa ammayyeessuun ammoo duudhaa amantaan Isilaamaa biyya keenyaafi addunyaaf gumaache ta’uun isaa dinqisiifannaa addaatiin kan ilaalamuu dha.
Kabajamtoota hordoftoota amantaa Isilaamaa
Qajeelfamoota gurguddoo amantaan Isilaamaa ittiin beekamu keessaa dhugaa labsuu, haqa mirkaneessuu, hammeenyaafi jal’ina mormuufi balaaleffachuun hordoftoota amantichaa qofa biratti osoo hin taane, hawaasa hunda biratti duudhaa waloo ta’ee kan fudhatamee dha.
Kaleessi keenya sona miidhagaa kana nu dhaalchiseera. Har’as kan ittiin boonnuufi hojjechaa jirruu dha.
Tibba weerara Dhibee Koronaa(COVID-19)tiin biyyi keenyaafi addunyaan qormaata guddaa jalatti kuftee jirtutti deeggarsi dirmannaa kallattii afranii hordoftoota amantaa Isilaamaafi ummata biyya keenyaa maraan taasifamaa jiru, duudhaan wal-gargaarsaafi waliin jireenyaa kun caalmaatti akka ifu taasiseera.
Kanaafuu, sona amantichaa kan ta’e, kan dhabe gargaaruufi kan dhibame deeggaruun, haqummaafi dhugaa dubbachuun ijaarsa biyyaafi ummataatiifis qabeenya dhaalaa isa ijoo waan ta’eef carraa kanatti fayyadamee caalmaatti akka dagaagsinuuf waamichakoon dabarsa.
Akka qajeelfama amantaattis ta’e, akka duudhaa ummata keenyaatti dhalli namaa uumama kabajamaadha.
Haata’u malee, boqonnaa keessa jirru kanatti akka addunyaattis ta’e haala qabatamaa biyya keenyaatiin wal-dhabdeefi walitti bu’iinsi bu’uura amansiisaa hin qabne dhala namaa gidduutti wayita uumamuufi gaaga’amni gurguddaan wayita qaqqabu argaa jirra.
Kun ammoo safuu Uumaafi uumamaatiif abboomamuu dhabuu keenyarraa kan maddu ta’uun kan haalamu miti.
Kanaafuu, wayita ayyaana amantaa gurguddaa akka Iidaa kabajannu kanatti duudhaa waltumsaafi waliin jireenyaa akka amantaafi ummataatti qabnu caalmaatti guddisuudhaan miira wal-hubannaa, wal-dhaggeeffachuufi wal-kabajuu dagaagsuuf hojjechuu akka qabnu yaadachiisuun barbaada.
Dabalataanis, ergaa Imaamonni, Ustaazonniifi dureewwan amantaa dhimma biyyaafi ummataarratti nuuf dabarsan sirnaan hordofuudhaan akka abboomamnuufi waan dubbannuufi hojjennu hundarratti waliin taanee akka sochoonu dhaamuun fedha.
Xumurarrattis, kan yaaddan akka isiniif milkaa’u, kan soorattan akka isiniif sifaa’u hawwaa, ayyaanni Idaal Faxirii kun kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa akka isiniif ta’un hawwa.
Ayyaana Gaarii
Kab. Ob. Shimallis Abdiisaa
Caamsaa, 2013
Finfinnee
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.