Fana: At a Speed of Life!

Saa’ud Arabiyaan Arjantiinaa goolii 2 fi 1injifachuu hordofee guyyaan boruu gayyaa boqonnaa akka ta’u labsame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2015(FBC)- Mootiin Saa’ud Arabiyaa Saalmaan Biin Abdulaziiz gareen kubbaa miillaa Saa’ud Arabiyaa garee kubbaa miillaa Arjantiinaa goolii 2fi 1 injifachuu hordofee guyyaan boruu biyyattiitti guyyaa boqonnaafi gammachuu akka ta’u labsan.

Bu’uuruma kanaan guyyaa boruu guutuu biyyattiitti hojjettoonni mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa akka boqotan akkasumas barattoonni manneen barnootaa sadarkaa hundaa mana barnootaa akka hin dhaqne labsaniiru.

Tapha Kubbaa Miillaa Waancaa Addunyaa 22ffaa har’a waaree booda sa’aatii 7:00 irratti Saa’ud Arabiyaafi Arjantiinaa gidduutti gaggeeffameen Saa’ud Arabiyaan goolii 2fi 1 injifachuun ishee kan yaadatamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.