Fana: At a Speed of Life!

Sababa sigiga lafaatin daandiin Awaash Dirree Dawaa cufamee ture geejjibaaf banaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC)- Sababa sigiga lafaatin Daandii Awaash hanga Dirree Dawaa cufamee ture geejjibaaf banaa ta’uu ibsameera.

Hojii gaggeessaan Abbaa Taayitaa Daandiwwaanii damee Dirree Dawaa Injinaar Andinnat Seefuu turtii Faanaa Broodkaasing Korpooreet waliin taasisanin, Dirree Dawaarraa dheerina kiilo meetira 117 irratti kan argaman Boriidaa fi Karraa Millee gidduutti sababa rooba cimaa roobeen lafni sigagachuun Sanbataa galgalaarra eegalee daandiin guddichi cufamee turuu beeksisaniiru.

Daandiicha sirreessuf yaalamuus konkolaataan humna ol fe’uun galgalee irraa deebiin daandiicha cufee oolu ibsaniiru.

Kaleessa galgalaarra eegalee hojii deeggarsa rayyaa ittisaa fi godina Harargee Bahaa waliin hojjetameen daandiichi tajaajilaaf banaa ta’uu dubbataniiru.

Miniyichiil Azaazawtu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.