Fana: At a Speed of Life!

Sabbataa fi Jimmaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu gaggeeffame

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Sabbataa fi Jimmaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu gaggeeffame.
 
Hoggansii fi hojjettoonni Ministeera Galiiwwanii fi dhaabbilee waamamoo, hojjettootaa fi hoggansa Waldaa Misooma Oromiyaa waliin Sabbataa Hawaas gaara Dabal irratti biqiltuu dhaabaniiru.
 
Jimmaattis masaraa Abbaa Jifaaritti ministira Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii FDRI Injiinar Ayshaa Mahaammad dabalatee hoggansi biroo federaalaa, magaalaa Jimmaa fi godinaa bakka argamanitti sagantaan dhaabbii biqiltuu raawwatameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.