Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Afxiraa Addabaabaayiif Daandileen Konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016 (FBC)- Boru Sagantaa Afxiraa guddicha Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamuuf daandilee cufa ta’an ifoomaniiru.

Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa sagantaan Afxiraa guddichi gaggeeffamuu nagaan akka xumuramuuf qophii taasisuun hojiitti seenuu beeksiseera.

Haaluma kanaan Sagantaa Afxiraa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamuun walqabatee boru Sa’aatii 5:00 irraa eegalee sagantichi jalqabamee hanga xumuramutti daandiilee konkolaattotaaf cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Haaluma kanaan daandileen:-

• Magganaanyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu, Mana Amantaa Uraa’elitti,

• Walloo safarirraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Olompiyaatti,

• Gootaraarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Konkolaattotaa fe’umsaaf Siniimaa Agoonaatti, kanneen biroof Addabaabaayii Xilaahuunitti,

• Xoorhaayilooch-Meeksiikoon gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Naannawaa Kibbuu baankitti,

• Piyaasaa-Daandii Charchilirraan gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu ibsaa Harraambeetti,

• Kiiloo 4- Ministeeraa Dhimma Alaa irraan gara Addabaabayii Masqalaa kan geessu Qaxxaamuraa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti,

• Awaaree-Kaasaanchisirraan gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu naannawaa Hoteelaa Intarkontinantaaliitti cufaa ta’uu beeksiseera.

Dabalataan, daandiilee eeraman irra sa’aatii gabaabaafis ta’e dheeraaf konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu eereera.

Sagantichi eegalamee hanga xumuramuttis hawaasni qaamolee nageenyaaf tumsa barbaachisaa akka taasisan, wantoonni shakkisiisoon wayita mudatutti sarara bilbilaa 0111 11 01 11 fi bilbilaa bilisaa 991 irratti bilbiluun odeeffannoo kennuun tumsa baratame akka taasisaan humnichi waloo dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.