Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa magaariisaa keessatti hawaasni qooda isaa ba’uu qaba -KENBJQ

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Sagantaa Ashaaraa magaariisaa keessatti hawaasni qooda isaa ba’uu akka qabu Koomishiniin Eeggumsa Naannoo, Bosonaa fi Jijjiirrama Qabeenya Qilleensaa beeksise.
 
Hawaasni of eeggannoo weerara vaayrasii koroonaaf taasisu cinaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaarratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu Koomishinichi beeksiseera.
 
Sosochiin dhaabbii biqiltuu bara darbe eegalame bara kanas cimee itti fufuu akka qabu ibseera.
 
Koomishinarri Koomishinii Eeggumsa Naannoo, Bosonaa fi Jijjiirrama Qabeenya Qilleensaa Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaa ibsa har’a miidiyaaleef laataniin,sagantaan dhaabbii biqiltuu bara kana yeroo jedhame keessatti akka xumuramuuf ni hojjetama jedhan.
 
Guyyaan eeggumsa naannoo akka biyyaa fi idil addunyaatti kabajamu hawaasaaf kaka’umsa uumuu akka danda’u dubbataniiru.
 
Sagantaa kanarratti soda weerara vaayrasii koroonaa hambsisuuf iddoo tokkotti namoonni muraasni qofti biqiltuu akka dhaaban ni taasifama jedhan.
 
Hojiin hojjetamu hundi fageenya ofii eeguu fi harka dhiqachuun akkataa qajeelfama dhaabbanni fayyaa addunyaa weerara vaayrasichaa ittisuuf baaseen kan raawwatamu ta’a jedhan.
 
Hawaasni soda tokko malee sagantaa kanarratti akka hirmaatan Proofeesar Fiqaaduun gaafataniiru.
 
Dhaabbileen dhuunfaa faallama naannoo eeguun lubbuu qabeeyyii baraaruuf ga’ee isaanii ba’uu qabu jedhan.
 
Guyyaan eeggumsa naannoo bara kanaa akka Ityoophiyaatti yeroo 27ffaaf, akka idila addunyaatti ammoo yeroo 47ffaa magaalaa Hawaasaatti kan qabajamu ta’uu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.