Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan Biqiltuuwwan biiliyonni 2.2 dubartoota qofaan kan dhaabamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan Biqiltuuwwan biiliyonni 2.2 dubartoota qofaan kan dhaabamu ta’uu Liigiin Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa beeksise.
Liigiin Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa guyyaa boruu magaalaa Hawaasaatti Yaa’iin 1ffaa isaa ni gaggeessa jedhame.
Yaa’icha sababeeffachuun miseensonni liigichaa guyyaa har’aa magaalaa Hawaasaa iddoo addaa Amooraa Gadal jedhamutti Biqiltuu dhaabaniiru.
Dubartoonni tattaaffii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf taasiifamu keessatti ashaaraa isaanii kan kaa’an ta’uu Preezidaantiin Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Aadde Masarat Masqaleen eeraniiru.
Waggoottaan arfan darban Biqiltuuwwan akaakuun garaagaraa biiliyoonni 4 ol dubartootaan dhaabbachuu ibsaniiru.
Bara kanas Biqiltuuwwan biiliyoona 2.2 dhaabuuf karoorfamuu kaasaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabne kunuunsaa diinoota Ityoophiyaa diiguuf tattaafatan ammoo buqqisuu qabna jedhan Paartii Badhaadhinaatti Itti Gaafatamaan Damee Paartilee siyaasaa fi Hawaasa Siiviikii Dooktar Alamuu Simeen.
Xilahuun Yilmaatu Gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.