Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaaf biqiltuuwwan biiliyoona 6.3 qophaa’aniiru-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltuuwwan biiliyoona 6.3 qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Hoji Raawwachiisaan Dursaa Qajeelchaa Fayyadamaa fi Misoomaa Qabeenyaa Umamaa Ministeerichaa Faanosee Mokonniin akka ibsanitti, Ganna dhufuuf biqiltuu biiliyoona 6.5 dhaabuuf karoorfameera.

Haaluma kanaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoona 6.3 qophaa’uu ibsanii biqiltuuwwan hafan ammoo baatiiwwan ittaanaan qopheessuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisa baranaan dhaabaman keessaa %60 biqiltuuwwan faayidaalee damee hedduu qaban ta’uu himan.

Biqiltuuwwan %40 ammoo dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf kan oolan ta’uu himaniiru.

Saganticha milkeessuufis qophiin boollaa gamanumaa gaggeeffamaa akka jiru eeruun, hanga ammaatti biqiltuuwwan dhaabaman keessaa %90 ol latuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eegalameen hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoona 32.5 ol dhaabamuun himameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.