Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa maaddii guutuun Oomishni Aannanii Liitirri biiliyoonni 5 fi Killeen biiliyoonni 3 argame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC) – Baatiwwan Shanan darban sagantaa maaddii guutuun oomishni Aannanii Liitirri biiliyoonni 5 fi Killeen biiliyoonni 3 argamuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.

Sagantaa maaddii guutuu oomishaa fi oomishtummaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Yohaannis Girmaan ibsaniiru.

Baatiwwan shanan darban keessas Aannan Liitira biiliyoona 5, Foon toonii kuma 328, Damma Toonii kuma 96 fi Killee biiliyoona 3 oomishuun danda’amuu dubbataniiru.

Gaagurri Ammayyaa kumni 313 ol raabsamuu DhPI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.