Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan hojiilee gaarii Art Haacaaluu Hundeessaa yeroo lubbuun jiru hojjete yaadachuu gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2016 (FBC) –Sagantaan hojiilee gaarii Art Haacaaluu Hundeessaa yeroo lubbuun jiru hojjete yaadachuu Magaalaa Ambootti kabajameera.

Sagantaan kun Artist Haacaaluun yeroo lubbuun turetti barii Ayyaana Masqalaa hojii gaarii hojjetaa ture yaadachuuf yoo ta’u “Masqala Haacaaluu” jedhamee moggaafamuun hojiileen tola ooltummaa garaagaraa ni hojjetamu jedhame.

Kaayyoon guddaa sagantaan Masaqala Haacaaluu guyyaa har’aas hojii isaa kana yaadachuun hojiiwwan tola ooltummaa garaagaraa hojjechuu ta’uu eerameera.

Saganticha irratti jiraattonni Magaalaa Amboo, manguddoonni, dargaggoonni akkasumas hiriyoonni Artist Haacaaluu Hundeessaa magaalaa Amboo fi iddoo biraarraa dhufan hirmaataniiru.

Hojii inni hojjechaa ture sana itti fufsiisuuf Masqalaa barii gaafa 18 waggaa waggaan maqaa Mijirii Masqalaa Hacaaluu jechuun xombora gubuun ijoollee maatii harka qalleeyyii haa gargaarru jechuun hiriyyoota isaa Magaalaa Amboo fi bakkeewwan biroo jiraataniin kabajameera.

Saganticha irrattis waldorgommiin Fiigicha Daandiirraa Km 5 atileetoota 1,500 hirmaachise kan gaggeeffame yoo ta’u kennaawwan adda addaa maatii harka qalleeyyii 200 oliif kennameera.

Saganticharratti Abbaan Artist Haacaaluu Obbo Hundeessaa Boonsaafi Haati isaa Aadde Guddattuu Horaa qaamota saganticha irratti hirmaatan galateeffateechuu ragaa BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.