Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan nyaata barattootaan qonnaan bultoota kuma 100 ol fayyadamtoota taasisu ifoome

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Sagantaan nyaata barattootaa Finfinnee, qonnaan bultoota Godinaa Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee kuma 100 ol fayyadamtootaa taasisu ifoomeera.

Qonnaan bultoonni Godina Addaa Naannawaa Finfinnee aanaalee ja’aa fi magaalotaa lama oomishaa qonnaa isaanii sagantaa nyaata barattootaa Finfinneef waliigaltee kontiraataan kan dhiyeessan ta’uun eerameera.

Akkaatuma kanaan qonnaan bultoota kuma 100 olii fi dubartootaa kuma 1 ol manneen barnootaa Finfinnee fi godinichaa kuma 14 keessatti nyaata qopheessuun dhiyeessan fayyadamtoota taasisa jedhameera.

Waldaalee hojii gamtaa jalatti qonnaan bultoota waliigaltee kontiraataan hojjetaniif filmaata gabaa waaraa kan uumuu, gabaa qonnaa fi fuuncaa galtee keessatti gahee qonnaan bultoota naannawichaa kan guddisuudha jedhameera.

Akkasumas faddaaltota fuuncaa gabaa keessaa kan baasuu fi qaala’iinsa, hanqina fi qulqullina oomishaalee akkasumas rakkoolee walqabatanii mudatan kan hambisu ta’uun ibsameera.

Waltajjii marii dhimmicha ilaalchisuun gaggeeffameerraatti, Ministeera Qonnaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Ejensii Sagantaa Nyaata Barattootaa Finfinnee, ittigaafatamtootaa fi ogeeyyii Ejensii Hojii Gamtaa Finfinnee, bakka bu’oonni barattootaa fi kanneen biroon hirmaataniiru.

Bulchiinsi Magaala Finfinnee Sagantaa nyaata barattootaaf waggaatti Birrii biiliyoona 2 ol ramaduun kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Eejensii Waldaalee Hojii Gamtaa Magaala Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.