Fana: At a Speed of Life!

Sanadoonnii fi maallaqoonni seeraa alaa daddabarfamaa turan shakkamtoota waliin to’annaa jala oolan

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )- ABUT Finfinnee hanga Toogoo Caaleetti neetwoorkii diriirsee daddabarsaa maallaqaa seeraan alaa itti fayyadamaa kan turee sanadoonnii fi maallaqoonni shakkamtoota waliin to’annaa jala ooluu Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa ibse.

Doolaarichas Finfinneetti daldalaa gabaa gurrachaan walitti qabe mootummaan akka dhadhabuu hojjechaa turu bira ga’aamuu ibsameera.

Gareen shororkeessaa kun shirasaa neetwoorkiin doolaroota dhaabbilee daldalaan walitti qabaman karaa seeraan alaa biyyaa akka baafamuu taasisuun maddaa faayinsii garichaa ta’uus eerrameera.

Hojii yakkichaa waliin hirmaannaa kallattiin taasisaniiru kan jedhe dhaabbilee daddabarsaa maallaqaa idil addunyaa 6, namoota dhuunfa 11 fi dabtaroonni herregaa baankii dhibba tokko ol Birrii miiliyoona 10 fi kuma dhibba 2 fi kuma 76 fi 496 qabatan waliin to’annaa jala oolchee qorannoo taasisaa jiraachuu beeksiseera.

Gareen shororkaa ABUT Ityoophiyaanoota biyya alaa jiraatan deeggarsa maallaqaa taasisaan walitti qabun bittaa meeshaa waraanaa fi baasii mana barnootaa ijjoollee angaa’ootaaf oolchaa tureera jedhame.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.