Fana: At a Speed of Life!

Seeneetiin Ameerikaa adeemsa himannaa Doonaald Traamp irratti banamee ifaan eegalchiise

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa adeemsa himannaa Doonaald Traamp irratti baname ifaan eegalchiise

Manni marichaa miseensota adeemsa himannaa fi murtii irratti hirmaatan abbaa seeraa mana murtii olaanaan kakuu raawwachiisaniiru.

Dhimmoonni Preezdaant Traamp ittiin himataman dubbafamuun ibsameera.

Himannaa har’a eegalameen Traamp yakkamaa ta’anii argamnaan aangoo irraa kaafamuu ni danda’u jedhameera.

Murteen kun hojiirra kan oolu sagalee deeggarsa mana marichaa 2/3 yoo argatedha.

Ameerikaan deeggarsa loltummaa Yuukreenif kennitu akka sodaachisootti aangoo isaanii ala fayyadamaniiru jechuun Traamp irratti himanni dhiyaatee jira.

Traamp Yuukreen filannoo preezdaantummaa Ameerikaa dhufu irratti morkataa isaanii Joo Baaydanii fi Ilma isanii irratt qorannoo akka gaggeessitu dhiibbaa godhaniiru jedhameera.

Dabalataan mana maree dhimmicha qabatee jiru irratti seeraan ala dhiibbaa uumaniiru jedhuun himatamaa jiru.

Traamp garuu gochicha hin raawwanne jechuun waakkataniiru.

Himannichis daba siyyaasati jechuun tuffataniiru.

Adeemsi himannaa Traamp kun seenaa Ameerikaatti 3ffaa yoo ta’u, Biil Kiiliintan bara Faranjootaa 1998, Andiriiw Joonsan ammoo bara 1868 himatamaniit turan.

Tokkoon isaanii dhimma himatamaniin yakkamaa ta’uun aangoo irraa hin buune jdhameera.

Riichaard Niiksan bara Faranjootaa 1974 sagalee koree biyyoolessaa Demokraatotaa Waatargeetiitti dhoksaan butanii waraaban jechuun himannaan irratti banamee manni marichaa sagalee osoo hin laatin dursanii aangoo gadhiisaniit turan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.