Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan walakkaa maaraatoo addunyaa har’a Poolaand Giidiiniiyaatti gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaan walakkaa maaraatoo addunyaa 24ffaan har’a Poolaand Giidiiniiyaatti ni gaggeeffama.
 
Atleetoonni Ityoophiyaa shaampiyoonaa walakkaa maaraatoo addunyaa 24ffaa har’a Poolaand Giidiiniiyaatti gaggeeffamurratti ni eeggamu jedhameera.
 
Atleetoota Ityoophiyaa Shaampiyoonaa kanarratti hirmaataan Atleetoota Keeniyaa fi Ugaandarraa morkii cimaan kan isaan eegatu ta’uu ibsameera.
 
Gama Ityoophiyaan walakkaa Maaraatoonii addunyaa 24ffaa kana irratti dubartooyaan:-
1. Yaalamzarf Yeewahaalaa Diinsaa
2. Natsaannat Guddataa Kabbadaa
3. Zaynabaa Yimar Warquu
4. Abaabal Yeeshaanahii Brihaanee
5. Masarat Gollaa Sisaay yoo bakka bu’an,
Dhiirootaan
1. Haylemaariyaam Kiroos Kabbadaa
2. Anduu’amlaak Balihuu Bartaa
3. Guuyyee Adoolaa Idaamoo
4. Li’uul G/Sillaase Alamee
5. Amdawarqi Waalelinyi Taaddasaa ta’uu isaanii ragaan Atleetiksii Federeeshinirraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.